Kitaaba Faaru'uu 99
TWF1 Mootiin Waan Maraa mooti’i; gosi biyya adda addaa hollattuu ti! Inni barcumaa mootumma’aa irra odduu dada ol-gubba’aa ta koola qaddu te’eera; lattille tachootuu ti. 2 Mootiin Waan Maraa Xiyoon keessatti gudda’a; inni gosa biyya adda addaa irratti ol aana’a. 3 Maqaa keeti gudda’aa fi sodaatamaa leellisanuu ti. Inni woyyu’u! 4 Ati mootichi hunnaamessa; ati haqa jaalata; waan sirrii te’e hundeessiteerta; Israa’el keessatti haqaa fi balchummaa hujjeerta. 5 Mootii Waan Maraa Waaqa keenna saada’a; miila isaa jalatti sagada’a! Inni woyyu’u! 6 Hayyoota isaa keessaa gariin Muuse’ee fi Aaron; worra maqaa isaa waame keessaa tokkochi Saamu’el; isaan maqaa Mootii Waan Maraa waammatane; innille isaaniif deebii kenne. 7 Inni utubaa duumensaa keessaa isaanitti dubbate; isaanille qajeelfamaa fi seerata inni isaaniif kenne eegatane. 8 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, ati deebii isaaniif kennite; cubbuu isaaniitiif haluu isaan baatulle, ati Waaqa araaraa isaaniif teeteerta. 9 Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna woyyuu waan te’eef, isa saada’a; gaara isaa woyyicha irratti isa waaqonfadha’a.
