Menu

Kitaaba Faaru'uu 98

TWF

1 Inni hujii maade’ee waan hujeef, faaruu haareya Mootii Waan Maraatiif faarsa’a; inni harka ifii middichaa fi irree ifii woyyitti’iin injifateera. 2 Mootiin Waan Maraa fayyisiisa ifii akka beekkamu godheera; balchummaa ifiille gosa biyya adda addaatitti mudhiseera. 3 Inni jaalala ifii ka bara baraatii fi addatamummaa ifii mana Israa’eliitiif yaadateera; worri qaccee lafaa jiru marti fayyisiisa Waaqa keennaa dhagganeeran. 4 Kolbaan lafa irraa marti Mootii Waan Maraatiif ilillisa’a; gammadaa fi faaru’uun isa leellisa’a. 5 Qoonqoo kiraara guddichaatiin kiraaraa guddichaa fi faaru’uun Mootii Waan Maraa leellisa’a. 6 Tultulla’aa fi tultullaa gaafa hoole’ee afuufaa, Mootii Waan Maraa mooticha duratti ilillisa’a. 7 Abbaaya’aa fi wonni isii keessaa marti, biyyi lafaatii fi wonni isii keessa le’u marti shookkisanuu ti. 8 Lagooti harka dhowanuu ti; gaaroti adduma tokko ilillisanuu ti. 9 Mootiin Waan Maraa kolbaa lafaatitti muriisaaf waan dhufuuf, isa duratti faarfatanuu ti. Inni biyya lafaatitti balchumma’aan, kolbaa maratti haqaan hin mura.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate