Menu

Kitaaba Faaru'uu 100

TWF

1 Kolbaan lafa irraa marti, Mootii Waan Maraatiif ilillisa’a. 2 Mootii Waan Maraa gammadaan tajaajila’a; gammadaan faarfataa fuula isaa dura dhikaadha’a. 3 Mootiin Waan Maraa akka Waaqa te’e beeka’a; ka nu dade isa; nuutille ka isaa ti; nuuti kolbaa isaa ti; hoolota inni tiffatu. 4 Galateeffataa gara karra isaa, leellifataa gara badhinna mana isaa duraa seena’a; isa galateeffataa, maqaa isaa leellisa’a. 5 Mootiin Waan Maraa dansaa waan te’eef, jaalalli isaa ka bara baraa haga bara baraa, addatamummaan isaalle dhalootaa haga dhalootaa ti.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate