Kitaaba Faaru'uu 6
TWF1 Ee Mootii Waan Maraa, aari’iin na hin xixin; yookiin mufi’iin na hin adabin. 2 Ee Mootii Waan Maraa, ani dadhabaa waan te’eef, naaf marari; Ee Mootii Waan Maraa, lafeen tiyya soda’aan waan na sheephitteef na fayyisi. 3 Lubbuun tiyya guddoo na raafanteerti. Ee Mootii Waan Maraa, na qarqaariisaaf, ati haga yoomii turta? 4 Ee Mootii Waan Maraa, deebi’ii na baasi; jaalala keeti ka bara baraatiif jedhii na hamburi. 5 Nami du’ee si qaabatu hin jiru; boolla awwaalaa keessaa ka si leellisu eennu? 6 Ani aadiisaan dadhabeera; halkan mara bowaan taqee tiyya maxanqeessee, imimmaaniin boraatii tiyya tortorse. 7 Akka malee waan gaddeef ilti tiyya dhagguu dadhaddeerti; sababa diinota kiyya maraatiif ilti tiyya caararrootteerti. 8 Mootiin Waan Maraa bowa tiyya waan dhage’eef, isin worri hamaaleyyiin marti na irraa fagaadha’a. 9 Mootiin Waan Maraa iyya tiyya dhage’eera; inni daadimata kiyyaaf deebii hin kenna. 10 Diinoti kiyya marti hin qaanowan; guddoo hin sodaatanille’e; dedhuma salphatanee, gara duubaa hin deebi’an.
