Menu

Kitaaba Faaru'uu 7

TWF

1 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, ani gara keeti baqadha; worra na ari’u jalaa na hamburii, na baasi! 2 Yoo akkas hin te’in, addee nami na irraa buusu hin jirretti na geessanee akka neenqaa gargar na kukkutan. 3 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, ani nama tokko yoo yakkee jiraadhe, harka kiyyaan dokonkora yoo hujee jiraadhe, 4 nama nageyaan na woliin le’u hantuu godhee, yookiin diina kiyya sababa malee yoo saamee jiraadhe, 5 diinni kiyya ari’ee na qabuu ti; lafa irratti na irra sirbee, ulfinna kiyya bukuu keessatti lakkisuu ti. 6 Ee Mootii Waan Maraa, aarii teetiin ka’i; worra mufi’iin na irratti ka’e irratti ka’i; naa dammaqii, muraa haqaa ajaji. 7 Kolbaan biyya adda addaa adaala keetitti wolitti qabamanuu ti. Atille ol-gubbaa irraa isaan bulchi. 8 Mootii Waan Maraa, kolbaa biyya adda addaa irratti muraa kenni; akka balchumma’aa fi dhugaammessummaa tiyyaatitti muraa naaf kenni. 9 Ee Waaqa balcha’a, ka qalbi’ii fi gadhaa nama qorqortu, hammeenna worra hamaaleyyi’ii balleessi; worra balchoolee jabeessii dhaabi. 10 Waaqi wontee tiyya; inni worra gadhaa qajeela’aa hin fayyisa. 11 Waaqi abbaa mura’aa balcha’a; Waaqi yennaa mara nama hama’atti hin aara. 12 Nami hamaan hammeenna ifii irraa yoo hin deebi’in, Waaqi shallaagaa ifii hin qarata; guubee ifii hujee, qopheeffata. 13 Inni meya woraanaa ka ijjeesuu fi daaya ifii ka akka ibiddaa bobe’u hin qopheeffata. 14 Kolbaan hantuun hammeenna yaaddi; daba karoorfattee, dhara dubbatti. 15 Nami boolla namaaf qotu, ifumaafuu keessa bu’a. 16 Hammeenni inni yaadate mataa isaatitti garagala; wonni inni hunnaan nama irratti huje matuma isaatitti deebiti. 17 Sababa balchummaa isaatiif, ani Mootii Waan Maraa hin galateessa; maqaa Mootii Waan Maraa Ol Aana’aatiif faaruu leellisaa hin faarsa.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate