Menu

Kitaaba Faaru'uu 5

TWF

1 Ee Mootii Waan Maraa, dubbii tiyya caqasi; aadiisa kiyyalle dhage’i. 2 Mootii kiyya, Waaqa kiyya, ani waan si daadimadhuuf, iyya tiyya naa dhage’i. 3 Ee Mootii Waan Maraa, ganama qoonqoo tiyya hin dhageetta; ganama mara si daadimadhee deebii si irraa eegadha. 4 Ati Waaqa hammeennatti gammaduu moti; hammeennille si woliin hin le’u. 5 Koorameeyyiin si dura hin dhaabbattu; worra hantuu huju mara hin jibbita. 6 Ati dharaameyyii mara hin balleessita; worra nama ijjeesuu fi nama sobu hin jibbita. 7 Ani ammoo jaalala keeti ka bara baraatiin gara mana keetii seena; si sodaatiisalle’een gara Dunkaanii Woyyittii teetii garagalee hin sagada. 8 Ee Mootii Waan Maraa, diinota bacaa waan qabuuf, balchummaa teetiin na sooressi; karaa keeti naaf qajeelchi. 9 Diinoti kiyya dhugaa hin dubbatanu; gadhaan isaanii badi’iin guutameera. Afaan isaanii akka boolla awwaalaa ta banantee ti; arraba ifiitiin maltee dubbatan. 10 Ee Waaqa, yakkaa isaanii isaanitti muri; malli isaaniituu badii isaanitti fiduu ti. Isaan si irratti waan ka’aneef, sababa cubbuu isaanii heddu’uutiif, alatti isaan gati. 11 Worri gara keeti baqatu marti ammoo gammaduu ti; isaan haga bara baraa ilillisanuu ti. Worri maqaa keeti jaalatu marti si’itti gammadee akka firinxiixu isaan eegi. 12 Ee Mootii Waan Maraa, ati balchoota hin eebbitta; fedhii teeti dansa’aan akka wonte’ee isaan marsi.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate