Kitaaba Faaru'uu 14
TWF1 Worri gowwooleen, gadhaa ifii keessatti, «Waaqi hin jiru» jedhan. Isaan worra bada’a; waan gadhee hujan; isaan keessaa ka waan dansaa huju tokkolle hin jiru. 2 Worri qarooleen Waaqa barbaadu yoo jiraate dhaggiisaaf, Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa irraa gara ilmaan namaa gad ilaala. 3 Isaan martinuu ammoo karaa irraa goranee, martinuu wolumatti worra badaa te’aneeran. Isaan keessaa ka waan dansaa huju hin jiru; tokkolle hin jiru. 4 Mootiin Waan Maraa, «Worri hamaaleyyiin womaa hin hubatuu? Akkuma nami sagalee nyaatu worri kolbaa tiyya nyaatu, isaan gara kiyya hin daadimatanu» jedha. 5 Mootiin Waan Maraa worra balchoota woliin waan jiruuf, worri hamaaleyyiin bararaqa guddaa keessa jiran. 6 Isin hamaaleyyiin karoora worra gad aana’aa hin gufachiittan; Mootiin Waan Maraa ammoo isaaniif addee isaan itti baqatanu. 7 Xiyoon keessaa fayyinni kolbaa Israa’eliitiif adoo dhufee jiraatee! Yennaa Mootiin Waan Maraa boojuu kolba’aa deebisu, sanyiin Yaaqoobii hin burraaxxi; kolbaan Israa’elii hin gammaddi.
