Menu

Kitaaba Faaru'uu 15

TWF

1 Mootii Waan Maraa, Dunkaanii Woyyittii teeti keessa eentu jiraatiisa dande’a? Kooba keeti woyyicha irra eentu le’uu dande’a? 2 Worra komii hin qannee fi ka waan balchaa te’e huju, ka gadhaa ifii keessaa dhugaa dubbatu, 3 ka maqaa namaa hin balleessine, ka jaalota ifii irratti waan hantuu hin hunye, ka ollaa ifii hin hamanne. 4 Worra hamoolee ka tuffatu, worra Mootii Waan Maraa sodaatu ammoo ka ulfeessu. Ta isa miitu teetelle waan waadaa gale ka muummessu. 5 Beesee ifii dhala malee ka liqeessu; worra balleessaa hin qanne miidhiisaaf safuu ka hin fudhanne. Nami waan kana godhu ijjumaa hin raafamu.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate