Menu

Kitaaba Faaru'uu 13

TWF

1 Ee Mootii Waan Maraa, ati haga yoomii na deeta? Haga bara baraa tii? Haga yoomii fuula keeti na duraa dhoffatta? 2 Haga yoomii rakkoo ciniinnadhee ossadha? Haga yoomii gadhaan kiyya halkanii fi guyyaa gaddaan guutama? Haga yoomii diinoti kiyya na injifatan? 3 Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa kiyya na ilaalii, deebii naa deebisi. Jabeenna kiyya adde’etti naa deebisi; akka du’u na hin godhin. 4 Diinoti kiyya, «Isa injifanne» jedhanee akka kooranu, nyaapholeen kiyyalle jinnana kiyyatti akka gammadanu hin godhin. 5 Ani ammoo marartii guddoo sanitti addadheera; gadhaan kiyyalle fayyisiisa keetitti hin gammada. 6 Mootiin Waan Maraa waan dansaa waan naa godheef, ani isaaf hin faarfadha.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate