Menu

Kitaaba Faaru'uu 130

TWF

1 Ee Mootii Waan Maan Maraa, ani qilee keessaa gara keeti iyya; 2 Ee Gootta’a, qoonqoo tiyya naaf dhage’i! Gurri keeti gara iyya tiyyaa caqasuu ti. 3 Ee Mootii Waan Maraa, ati adoo yakkaa namatti laakkottee, ee Gootta’a silaa eennutti si dura dhaabbatuu dande’a? 4 Ammoo akka nuuti si sodaannuuf, ati nu’uuf araaranta. 5 Ani Mootii Waan Maraa eegadha; Lubbuun tiyyalle hin eegatti; addi’iin jecha isaa eegadha. 6 Eeddota bari’iisa eegatanu caalaa, ee, eeddota bari’iisa eegatanu caalaa, lubbuun tiyya Goottaa eegatti. 7 Jaalalli bara baraa Mootii Waan Maraa bira waan jiruuf, wodiisaaf hunni guddoolle isa bira waan jirtuuf, ee Israa’el, Mootii Waan Maraatitti addii godhadhu. 8 Inni yakkaa isi’ii mara irraa Israa’el hin woda.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate