Menu

Kitaaba Faaru'uu 129

TWF

1 Kolbaan Israa’elii, «Dargaggummaa tiyyaa jalqabanee, diinoti guddoo na rakkisaneeran; 2 «Isaan dargaggummaa tiyyaa jalqabanee, guddoo na rakkisaneeran; te’uu malee na hin injifanne. 3 Akka nama fichaa qotuu dudda kiyya babbassanee, babadhisanee dudda kiyya madeessane. 4 Mootiin Waan Maraa ammoo balcha’a; inni wodaroo worra hama’aa na irraa kuteera» jettuu ti. 5 Worri Xiyoon jibbu martinuu qaanowanee, gara duubaa deebi’uu ti. 6 Akka marra mana irratti latee, adoo hin guddatin qooruu te’anuu ti; 7 marri sun qabaa harka nama isa haamuu, yookiin hanqafoo isaa hin guutu. 8 Worri achiin dabaru, «Eebbi Mootiin Waan Maraa isiniif te’uu ti! Nuuti maqaa Mootii Waan Maraatiin isin eebbinna!» isaaniin hin jedhin.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate