Menu

Kitaaba Faaru'uu 131

TWF

1 Ee Mootii Waan Maraa, gadhaan kiyya hin kooru; mataa hin dhaabu; waan gugurdoo, yookiin waan baasaa hin huju. 2 Akka annuu harma irraa guutee haadha woliin jirtuu, ani lubbuu tiyya sarmisiisee cadhisiise; akka annuu harma irraa guutee, lubbuun tiyya na keessatti cadhitte. 3 Ee kolbaa Israa’elii, ammaa jalqabiitii haga bara baraatitti, Mootii Waan Maraatitti addii godhadhu.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate