Menu

Kitaaba Faaru'uu 12

TWF

1 Ee Mootii Waan Maraa, nami Waaqa sodaatu waan hin jirreef, nu qarqaar; nami addatamaan ilmaan namaa oddu’uu dhabameera. 2 Tokko tokkoon isaanii dhara wolitti dubbatan; Isaan hidhii kookkisaatiin soba dubbatan. 3 Mootiin Waan Maraa hidhii sossobaatii fi arraba koorameessaa kutuu ti. 4 Isaan, «Nuuti dubbannee waan feene hin dhagganna; waan feene hin dubbanna; ka nu dhoogguu dande’u hin jiru» jedhan. 5 Mootiin Waan Maraa ammoo, «Worri hiyyeeyyiin waan cunqurfameef, worri rakkataan waan iyyuuf, qarqaarsa isaan barbaadanu kenniisaaf ani hin ka’a» jedha. 6 Dubbiin Mootii Waan Maraa qullu’u; akka meetii barbada ibiddaatitti baxxee yennaa torba qulloottee ti. 7 Ee Mootii Waan Maraa, ati isaan hin gollita; dhaloota hamaa irraa haga bara baraa nu hin eedda. 8 Yennaa wonni hantuun saadantu nami marti waan hantuu jaalata.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate