Menu

Kitaaba Faaru'uu 128

TWF

1 Nami Mootii Waan Maraa sodaatu marti, ka karaa isaa ideemu ka gammade. 2 Waan harka keetiin eloottee dhaggatte hin nyaatta; ati hin gammadda; hin milkoottalle’e. 3 Niitiin teeti mana keeti keessatti, akka muka woyni’ii ka midhaan buusuu hin teeti; ijoolleen teeti adaala qorii teetiititti, akka lattuu muka ejersaa hin teeti. 4 Nami Mootii Waan Maraa sodaatu akkana hin eebbifama. 5 Mootiin Waan Maraa gaara Xiyoonii irraa si eebbisuu ti; bara jiruu teetii mara, qananummaa Yerusaalemii dhaggi. 6 Ijoollee ijoollee teetii dhaggi; Nageenni Israa’eliif te’uu ti.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate