Menu

Kitaaba Faaru'uu 127

TWF

1 Mootiin Waan Maraa mana yoo hin ijaarin, worri mana ijaaru akkasumaan itti elowan; Mootiin Waan Maraa qachaa yoo hin eegin, eeddoti qacha’aa akkasumaan elowan. 2 Mootiin Waan Maraa worra jaalatuuf foora waan kennuuf, bari’iin ka’iis, turanee rafiis, bu’aa hin qabu. 3 Ijoolleen kennansa Mootii Waan Maraa ti; midhaan gadaamessaa, eebba isaa ti. 4 Ilmaan dargaggumma’aan uumatanu, akka daaya harka loltootaa keessa jirtuu ti. 5 Nami ilmaan akka daayaa mana guutate gammaduu ti; diinota ifii woliin karra qacha’aa keessatti yennaa wol falme, inni hin qaanowu.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate