Menu

Kitaaba Faaru'uu 126

TWF

1 Yennaa Mootiin Waan Maraa boojuu keessaa gara Xiyoonii nu deebise, oojjuu nutti fakkaatte. 2 Afaan keenna kollaan, arrabi keenna ililleetti’iin guutame. Achiin duuba gosa biyya adda addaa oddu’utti, «Mootiin Waan Maraa waan guddoo isaaniif tolche» jedhante. 3 Mootiin Waan Maraa, waan guddoo nuuf godheera; nuutille gammanne. 4 Ee Mootii Waan Maraa, Goomolee kibba Kana’aaniitiif akkuma bisaan deebittu, akka dur jirrutti nu deebisi. 5 Worri imimmaan dhangalaasaa facaasane, ilillisaa haammatan. 6 Worri sanyii facaasiisaaf, ba’atanee bowaa deemanu, laddee ba’atanee ilillisaa hin deebi’an.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate