Menu

Kitaaba Faaru'uu 125

TWF

1 Worri Mootii Waan Maraatitti addatu akka gaara Xiyoonii, ka ijjumaa hin tachoone, ka haga bara baraa jabaatee dhaabbatuu ti. 2 Akkuma gaaroti Yerusaalem marsaneeranu, ammaa jalqabee haga bara baraa, Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii hin marsa. 3 Worri hamaan lafa worra balchoole’ee hin bulchanu; yoo bulchane, kolbaan balchaan waan hantuu hujiisaaf harka diriirfatti. 4 Ee Mootii Waan Maraa, worra dansaa te’eef, worra gadhaa ifii keessatti qajeelaa te’eefille dansaa godhi. 5 Ammoo, Mootiin Waan Maraa worra waan hantuu huju, worra karaa dabaalessa ifii gula deebi’e woliin hin gata. Nageenni Israa’eliif te’uu ti.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate