Menu

Kitaaba Faaru'uu 124

TWF

1 Mootiin Waan Maraa nu woliin adoo jiraatuu dhabaatee, Israa’el, 2 «Yennaa diinoti keenna nu lolanu, Mootiin Waan Maraa adoo nu woliin jiraatuu dhabaatee, 3 yennaa aariin isaanii nu irratti bobeette san, silaa adoo jirruu nu liqinsaniiyyu; 4 silaa bisaan nu haxowee dabaraayyu; lolaan nu irra garagalaayyu; 5 silaa bisaan hamaan nu irra yaa’aayyu» jettuu ti. 6 Ilkaan isaanii akka nu kukkutatu ka nu hin lakkisin, Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti. 7 Akka sinbirrooti tiyyoo worra adansuu jalaa baatu, nuutille tiyyoo isaanii jalaa baane; tiyyoon ciccitte; nuutille jalaa baane. 8 Maqaa Mootii Waan Maraa ol-gubba’aa fi lafa dadeen, nuuti qarqaarsa dhagganne.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate