Menu

Kitaaba Faaru'uu 121

TWF

1 Ani ila tiyyaan gara koobaa ol ilaale; qarqaarsi kiyya eessaa dhufa? 2 Qarqaarsi kiyya ka ol-gubba’aa fi lafa dade, Mootii Waan Maraa biraa dhufa. 3 Inni miilli keeti akka mucucaatu hin lakkisu; ka si eegu hin mugu. 4 Dhugumaan, ka Israa’el eegu hin mugu; hin rafulle’e. 5 Mootiin Waan Maraa si eega; Mootiin Waan Maraa gaaddisa keeti; inni midda keeti jira. 6 Guyyaa aduun, halkan jiin si hin miidhu. 7 Mootiin Waan Maraa Waan hantuu mara irraa si eega; inni jiruu teeti hin eega. 8 Mootiin Waan Maraa bayaa fi gala keeti ammaa jalqabee haga bara baraatitti hin eega.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate