Menu

Kitaaba Faaru'uu 120

TWF

1 Rakkinna kiyya keessatti ani gara Mootii Waan Maraa iyye; innille deebii naaf kenne. 2 Ee Mootii Waan Maraa, worra dhara dubbatuu fi soba dubbatu jalaa na baasi. 3 Ee isin worra dhara dubbatu, Waaqi maan isin godha laati? Inni attam isin adaba laati? 4 Daaya loltootaa ka qara qabuun, kashila ibiddaa ka muka dhaddachaatiin isin adaba. 5 Ana ka lafa worra Mesheekiititti galee, dunkaanii worra Qedaarii keessa le’uuf aanne’e! 6 Worra nageya jibbu san odduu, ani yennaa hedduu le’e. 7 Ani nama nageyaa ti; yennaa ani marroo nageyaa dubbadhu ammoo, isaan lolaaf ka’an.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate