Menu

Kitaaba Faaru'uu 122

TWF

1 «Gara mana Mootii Waan Maraa dhandha!» yennaa isaan naan jedhane ani gammade. 2 Ee Yerusaalem, miilli keenna, karra teeti keessa dhaabbateera. 3 Yerusaalem qachaa wolitti hiiqee jabeeffamee ijaarameeru. 4 Akkuma ajaja Israa’eliif kennameetitti, achitti maqaa Mootii Waan Maraa leellisiisaaf, gosi Mootii Waan Maraa ol bayan. 5 Achitti moototi sanyii Daawitii kolbaa bulchiisaaf, barcumaa mootumma’aa dhaabbatane. 6 Nageya Yerusaalemiitiif daadimadha’a: «Worri isii jaalatu milkowuu ti. 7 Dalleya isi’ii keessa nageenni, mana mootumma’aa ta isi’ii keessa sarmiis jiraatuu ti» jedha’a. 8 Ani sababa firootaa fi jaalota kiyyaatiif, «Nageenni si keessa jiraatuu ti» hin jedha. 9 Sababa mana Mootii Waan Maraa Waaqa keennaatiif, ani waan dansaa si’iif hin halcha.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate