Menu

Kitaaba Faaru'uu 113

TWF

1 Mootii Waan Maraa leellisa’a; ee tajaajiltoota Mootii Waan Maraa, Mootii Waan Maraa leellisa’a; maqaa Mootii Waan Maraa leellisa’a. 2 Ammaa jalqabee haga bara baraa, maqaan Mootii Waan Maraa leellifamuu ti. 3 Baya adu’uutii jalqabee haga seensa adu’uutitti, maqaan Mootii Waan Maraa leellifamuu ti. 4 Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa mara irratti ol aanana’a; ulfinni isaa ol-gubbaa caala. 5 Ka akka Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa, Ka barcumaa mootummaa gubba’aa irra tee’u, 6 ka ol-gubba’aa fi lafa gad ilaalu eennu? 7 Inni hiyyeeyyii bukuu keessaa kaasa; worra rakkataalle tuulaa daadha’aa keessaa ol fuudha. 8 Inni qondaaltota woliin, qondaaltota kolbaa ifii woliin isaan teessisa. 9 Maseentittiin haadha ijoolle’ee teetee, gammadaan mana ifii keessa akka leetu hin godha; Mootii Waan Maraa leellisa’a.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate