Kitaaba Faaru'uu 112
TWF1 Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti; nami Mootii Waan Maraa sodaatu, ka ajaja isaatiin guddoo gammadu ka gammade. 2 Sanyiin isaa lafa san keessatti worra jabaa hin te’an; dhalooti worra qajeela’aa hin eebbifanti. 3 Manni isaa taajurumma’aa fi durumma’aan hin guutama; balchummaan isaaniille haga bara baraa hin jiraatti. 4 Nama arja’aa, nama marara’aa fi, nama balcha’aafille, dukkana keessalle’etti ifi isaaf hin baya. 5 Nama arjaa, liqaa namaaf kennu wonni dansaan isaaf hin teeti. 6 Dhugumaan inni ijjumaa hin raafamu; nami balchaan haga bara baraa hin qaabatama. 7 Inni oduu hantuu hin sodaatu; Mootii Waan Maraatitti waan addatuuf, gadhaan isaa hin mamu. 8 Gadhaan isaa ijjumaa hin raafamu; hin sodaatu; dhuma irratti jinnana diinota ifii hin dhagga. 9 Inni arjumma’aan worra hiyyeeyyi’iif kenna; balchummaan isaa haga bara baraa jiraatti. Hunnaa fi ulfinnaan hin saadama. 10 Nami hamaan tana dhaggee hin aara; inni ilkaan ifii qaree, hin bada; halchaan isaalle ta bu’aa hin qanne teeti.
