Menu

Kitaaba Faaru'uu 114

TWF

1 Yennaa Israa’el, sanyiin Yaaqoobii, gosa afaan ormaa dubbattu, biyya Gibxi’ii keessaa baate, 2 Yihudaan addee woyyittii Waaqaa, Israa’elille bulchiisa isaa jala teete. 3 Abbaayaan dhaggitee baqatte; lagi Yordaanosiille gara duubaa deebi’e. 4 Gaaroti akka korbeeyyii hoole’ee, koobotille akka ilmoolee hoole’ee burraaqane. 5 Ee abbaaya’a, ati maaf baqatte? Ee laga Yordaanosii, gara duubaa maaf deebite? 6 Ee gaarota, isin maaf akka korbeeyyii hoole’ee, ee koobota, isin maaf akka ilmoolee hoole’ee burraaxxane? 7 Ee lafa, Goottaa duratti, fuula Waaqa Yaaqoobii duratti holladhu! 8 Inni rassaa gara baleessaatitti, rassaa jabaa gara madda bisaaniititti hin deebisa.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate