Menu

Kitaaba Faaru'uu 111

TWF

1 Mootii Waan Maraa Leellisa’a! Kora worra qajeela’aatii fi wolde’a keessatti, gadhaa tokkochaan ani Mootii Waan Maraa hin saadadha! 2 Wonni Mootiin Waan Maraa huje guddo’o; worri hujii guddoo saniin gammadu marti isii hubatiisa barbaada. 3 Wonni inni huje marti ulfinnaa fi arnyaan guutanteerti; balchummaan isaalle haga bara baraa jabaattee dhaabbatti. 4 Mootiin Waan Maraa hujii ifii akka qaabatantu godhe; inni arja’a; mararaalle’e. 5 Inni worra isa sodaatuuf sagalee hin kenna; haga bara baraa gondooroo ifii hin qaabata. 6 Inni lafa gosa adda addaa isaanii kenniisaan, hunna ifii kolbaa ifiititti mudhiseera. 7 Hujiin harka isaa marti dhuga’aa fi haqa; seerri isaa marti addatama’a. 8 Seerri isaa haga bara baraa jabaatee dhaabbatee, addatamumma’aa fi balchumma’aan hujameera. 9 Inni kolbaa ifiitiif wodoo erge; gondooroo ifiille haga bara baraa ajaje; maqaan isaa woyyicha; ka sodaatamelle’e. 10 Qarummaan jalqabaa Mootii Waan Maraa sodaatiisa; worri ajaja isaa hordofu hubantii dansaa qaban; kolbaan haga bara baraa Mootii Waan Maraa saadatu’uu malte.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate