Menu

Kitaaba Faaru'uu 110

TWF

1 Mootiin Waan Maraa Goottaa kiyyaan, «Haga ani diinota keeti ejjata miila keetii jala kewutti, ati midda kiyya tee’i» jedhe. 2 Mootiin Waan Maraa Xiyoon irraa ulee bokku’uu ta jabeenna keetii si’iif hin erga; atille diinota keeti irratti mootii te’i! 3 Guyyaa ati diinota keeti loltu, kolbaan teeti fedhii ifiitiin si woliin hin duulan; dargaggooti teetille akka fixeensa dayya’a boru’uu, kooba woyyittii irratti gara keeti hin dhufan. 4 Mootiin Waan Maraa, «Akkuma hayyummaa Malkiisedeqii, ati hayyuu bara baraa ti» jedhee kakateera; inni yaada ifii hin jijjiiratu. 5 Mootiin Waan Maraa midda keeti jira; guyyaa mufii ifii mootota hin butucha. 6 Inni gosa biyya adda addaatitti hin mura; reeffa isaan keessa hin guuta; bulchitoota lafaa duudiille hin butucha. 7 Mootichi madda karaa cina’aa keessaa bisaan hin una; tanaaf inni mataa ifii ol hin qabata.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate