Kitaaba Faaru'uu 101
TWF1 Ani marroo jaalala keeti ka bara baraatii fi marroo muraa haqaa teetii hin faarfadha; ee Mootii Waan Maraa faaruu leellisaa sii hin faarsa. 2 Ani jiruu komii hin qanne le’a. Ati yoom gara kiyya dhutta? Ani mana kiyya keessa komii malee ideema. 3 Ani waan hantuu ila tiyya dura hin keyadhu; ani hujii worra Waaqa irraa goree hin jibba; isiin natti hin maxxantu. 4 Namooti yaada micciiramaa qabanu na irraa fagaatanuu ti; ani waan hantuu woliin tokkummaa hin qabu. 5 Nama ollaa ifii dhossa’aan hamatu, hin balleessa; nama nama tuffatuu fi nama kooruuf ani hin ossadhu. 6 Akka isaan na woliin le’anuuf, ilti tiyya gara worra addatamaa lafa tana keessa jiranuu hin ilaalti. Nami karaa komii hin qanne ideemu inni na hin tajaajila. 7 Nami nama sobu mana kiyya keessa hin le’u; nami dhara dubbatu na dura hin dhaabbatu. 8 Ani guyyuma guyya’aan worra hamaa lafa tana keessa jiranu hin balleessa; worra hantuu huju mara qachaa Mootii Waan Maraa keessaa hin balleessa.
