Menu

Faarfannaa 52

BIB

1 Yaa nama jabaa nana, ati maaliif hamminaan koorta? Ati namni fuula Waaqaa duratti tuffatamtu, maaliif guyyaa guutuu koorta? 2 Ati namni nama gowwoomsitu, arrabni kee badiisa qopheessa; arrabni kee akkuma qarabaa qaramee ti. 3 Ati waan gaarii irra waan hamaa jaallatta; dhugaa dubbachuu irra immoo soba dubbachuu jaallatta. 4 Yaa arraba gowwoomsituu nana, ati dubbii nama miidhu hunda jaallatta. 5 Kanaafuu Waaqni bara baraan si balleessa: Inni dunkaana kee keessaa butee si ciccira; biyya jiraattotaa keessaas si buqqisa. 6 Qajeeltonni waan kana arganii sodaatan; isaanis akkana jedhanii isatti kolfan; 7 “Kunoo, namicha Waaqa daʼoo isaa hin godhatin, qooda kanaa immoo baayʼina qabeenya isaa amanatee jalʼina ofiitti ciche!" 8 Ani garuu akkuma ejersa mana Waaqaa keessatti lalisuu ti; baraa hamma bara baraattis, jaalala Waaqaa kan hin geeddaramne sana nan amanadha. 9 Sababii ati waan kana gooteef ani bara baraan sin galateeffadha; sababii maqaan kee gaarii taʼeef ani maqaa kee nan abdadha. Fuula qulqulloota kee durattis sin leellisa.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate