Faarfannaa 51
BIB1 Yaa Waaqayyo, akkuma jaalala kee kan hin geeddaramne sanaatti na maari; akkuma baayʼina araara keetiitti, yakka koo narraa haqi. 2 Yakka koo hundumaa narraa dhiqi; cubbuu koo irraas na qulqulleessi. 3 Ani yakka koo beekaatii; cubbuun koos yeroo hunda fuula koo dura jira. 4 Ani sitti, suma qofatti cubbuu hojjedheera; waan fuula kee duratti hamaa taʼes hojjedheera; kanaafuu ati murtii keetiin qajeelaa dha; yommuu murtii kennituttis hin dogoggortu. 5 Dhuguma iyyuu ani cubbuudhaanan dhaladhe; yeroo haati koo na ulfooftee jalqabees cubbamaan ture. 6 Ati keessa namaatti dhugaa hawwita; kanaafuu keessa kootti ogummaa na barsiisi. 7 Hiisophiidhaan cubbuu irraa na qulqulleessi; anis nan qulqullaaʼa; na dhiqi; anis cabbii caalaatti nan addaadha. 8 Gammachuu fi ilillee na dhageessisi; lafeen ati caccabsites haa ililchu. 9 Fuula kee cubbuu koo irraa deebifadhu; yakka koo hundas narraa haqi. 10 Yaa Waaqayyo, garaa qulqulluu na keessatti uumi; Hafuura qajeelaas na keessatti haaromsi. 11 Fuula kee duraa na hin balleessin; Hafuura kee Qulqulluus narraa hin fudhatin. 12 Gammachuu fayyina keetii naa deebisi; na jiraachisuudhaafis hafuura sarmu naa kenni. 13 Anis warra karaa kee irraa jalʼatan nan barsiisa; cubbamoonnis gara kee ni deebiʼu. 14 Yaa Waaqi, Waaqa na Fayyiftu, ati dhiiga dhangalaasuu irraa na oolchi; arrabni koos qajeelummaa kee ni faarfata. 15 Yaa Gooftaa, hidhii koo naa bani; afaan koos galata kee labsa. 16 Ati aarsaatti hin gammaddu malee silaa nan dhiʼeessa ture; aarsaa gubamuttis hin gammaddu. 17 Aarsaan Waaqni fudhatu hafuura cabaa dha; Yaa Waaqi, ati garaa cabaa fi kan gaabbu hin tuffatu. 18 Jaalala keetiin Xiyooniif waan gaarii godhi; dallaa Yerusaalem ijaari. 19 Yoos ati aarsaa qajeelaatti, qalma gubamuu fi qalma akkuma jirutti gubamutti ni gammadda; korommiinis iddoo aarsaa kee irratti ni dhiʼeeffaman.
