Kitaaba Faaru'uu 58
TWF1 Isin bulchitoota, isin dhugumaan waan sirrii te’e hin dubbattanii ree? Isin kolba’atti haqa hin murtanii ree? 2 Waawwo’o! Isin gadhaa keessan keessatti waan haqa hin te’in mala dhoottan; lafa irratti hunnaan namatti kaatan. 3 Worri hamaaleyyiin gadaamessa haadha ifiitii jalqabanee, karaa irraa goraneeran; haga dhalatanee jalqabanee, karaa fedha ifii deemaa dhara dubbatan. 4 Isaan akka dhudhuufa’aa hadhaa qaban; isaan akka buutii gurra duuddu’uu, 5 ta qoonqoo worra qorsaan muusessuu, yookiin dubbii worra qaroolee xanoo hujuulle hin dhageennee ti. 6 Ee Waaqa, ilkaan isaanii afaan isaanii keessatti caccassi; Ee Mootii Waan Maraa, worra akka dardaroota neenqaa qadhiffaa qabu, qadhiffaa isaanii butuchii keessaa harcaasi. 7 Akka bisaan lola’ee dabaruu badanuu ti; yennaa isaan guubee qopheeffatanu, daayi isaanii tutuma te’uu ti. 8 Isaan akka calanqaa adoo ideemuu baquu te’anuu ti; isaan akka finna du’ee dhalatee, ka ijjumaa ifa hin dhagginii te’anuu ti. 9 Isaan akka haasumee jiituu yookiin godduu adoo hin bobe’in, adoo okkotee hin o’isiniin dura qilleensaan haxowantuu ti. 10 Worri balchaan Waaqi haluu isaaniif bayuun yennaa dhagganu, gammadaan firinxiixan; miila ifii dhiiga worra hamaaleyyi’iitiin dhiqatan. 11 Yennaa san namooti, «Dhugumaan worri balchaan gatii hin dhaggatan; dhugumaan Waaqi biyya lafaatitti muru hin jira» hin jedhan.
