Menu

Kitaaba Faaru'uu 57

TWF

1 Lubbuun tiyya waan sitti baqattuuf, na marari, ee Waaqa, na marari. Haga rakkoon dabartutti ani koola keeti jalatti baqadha. 2 Ani gara Waaqa Ol-Aana’aa, gara Waaqa waan naaf barbaachisu mara naa muummessuu hin iyya. 3 Inni ol-gubbaa irraa ergee na baasa; inni worra na irra sirbu hin salphisa. Waaqi jaalala ifii ka bara baraatii fi addatamummaa ifii hin erga. 4 Ani worra akka neenqa nama nyaatiisaaf ila babaasuu odduu irkadhe. Ilkaan isaanii akka ebo’ootii fi daayaa ti; arrabi isaanii akka shallaagaa qaramee ti. 5 Ee Waaqa, ol-gubba’aan gubba’atti saadami; ulfinni keeti lafa duudii irratti te’uu ti. 6 Diinoti kiyya miila kiyyaaf fonxoroo afane; lubbuun tiyya gaddaan gad jette. Isaan karaa kiyya keessatti boolla qotane; ammoo ifumaaf keessa bu’ane. 7 Ee Waaqa, gadhaan kiyya hin mamu! Gadhaan kiyya hin mamu. Ani hin faarfadha; meya faaru’uu ka adda addaatiin hin faarfadha. 8 Lubbuu tiyya dammaqi; ee kiraaraa guddicha, ee maseenqo’o dammaqa’a; anille boruu hin dayyaasa. 9 Ee Gootta’a, ani gosa biyya adda addaa oddu’utti si galateeffadha. Ani gosa biyya adda addaa oddu’utti faaru’uun si leellisa. 10 Jaalalli keeti ka bara baraa guddaa waan te’eef, akka ol-gubba’aa ol fagaata; addatamummaan teeti duumensa dhaqqaddi. 11 Ee Waaqa, ol-gubba’aan gubba’atti saadami; ulfinni keeti lafa duudii irratti te’uu ti.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate