Menu

Kitaaba Faaru'uu 150

TWF

1 Mootii Waan Maraa leellisa’a! Addee Woyyittii isaa keessatti, Waaqa leellisa’a! Ol-gubbaa isaa hunnaamettii keessatti, isa leellisa’a! 2 Hujii jadduu inni godheef isa leellisa’a. Guddinna isaa, ka waan mara caaluuf isa leellisa’a. 3 Tultulla’aan isa leellisa’a. Kiraara guddichaa fi maseenqo’oon isa leellisa’a. 4 Dibbe’ee fi shubbisiisaan isa leellisa’a. Kiraaraa fi suusulle’een isa leellisa’a. 5 Sibiila wolitti dhowamee qilillisuun, isa leellisa’a. Sibiila wolitti dhowamee, akka malee qilillisuun isa leellisa’a. 6 Wonni hafuura baafatu martinuu Mootii Waan Maraa leellisanuu ti! Mootii Waan Maraa leellisa’a!

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate