Kitaaba Faaru'uu 149
TWF1 Mootii Waan Maraa leellisa’a; faaruu haareya Mootii Waan Maraatiif faarsa’a! Wolde’a kolbaa isaa keessatti isa leellisa’a. 2 Israa’elooti, ka isaan dadeen firinxiixanuu ti; ijoolleen Xiyoonii, mootii ifiitiin gammadanuu ti. 3 Shubbisaa maqaa isaa faarsanuu ti; dibbe’ee fi kiraara guddichaan isaaf faarsanuu ti. 4 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiin waan gammaduuf, worra gad ifi qabu, akka injifatanu godhee ulfinna kennaaf. 5 Kolbaan isaa, ulfinna kanaan firinxiixanuu ti; taqee ifii irralle’etti, ililleetti’iin faarfatanuu ti. 6 Leellisi Waaqaa afaan isaanii keessa, shallaagaan qara lamaa, harka isaanii keessa jiraatuu ti. 7 Gosa biyya adda addaa haluu bayiisaaf, kolbaa hedduulle adabiisaaf, 8 mootota isaanii wodaroo sibiilaatiin, qondaaltota isaaniille, sibiila miilaan hidhanuun hidhiisaaf, 9 muraa barreeffanteertu, isaan irratti muunmmessiisaaf, tun kolbaa isaaf addatante maraaf ulfinna. Mootii Waan Maraa leellisa’a.
