Menu

Kitaaba Faaru'uu 138

TWF

1 Ee Mootii Waan Maraa, ani gadhaa tokkochaan si galateeffadha; waaqota duratti ani faaru’uun si leellisa. 2 Ani gara Galma keeti woyyichaa fuula galee sagada; jaalala keeti ka bara baraatii fi addatamummaa keetiifille, maqaa keetii fi jecha keeti waan mara caalaa waan saaddeef, ani maqaa keeti leellisa. 3 Yennaa ani si waame, ati deebii naaf kennite; ati na jabeessitee, lubbuun tiyya hunna horatte. 4 Ee Mootii Waan Maraa, jecha afaan keetii yennaa dhage’ane, moototi lafaa martinuu si leellisan. 5 Ulfinni Mootii Waan Maraa guddaa waan te’eef, isaan marroo karaa isaa hin faarfatan. 6 Mootiin Waan Maraa ol aanaa te’ulle, inni worra gad aanaa hin ilaala; worra kooru ammoo fago’otti beeka. 7 Ani rakkinna keessa yoo ideemelle, ati jiruu tiyya hin eedda; ati harka keeti diriirsitee, mufii diinota kiyyaa mormita; harka keeti middichaan na hin baacha. 8 Mootii Waan Maraa, ati yaada keeti mara naaf hin muummessita; ee Mootii Waan Maraa, jaalalli keeti ka bara baraa ti; hujii harka keetii ati hin lakkisin.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate