Kitaaba Faaru'uu 137
TWF1 Nuuti laga Baabilonii bira teennee, yennaa Xiyoon qaabanne boonne. 2 Muka olaati’ii irratti kiraarota keenna gugurdaa san fafanninne. 3 Worri booji’ee nu farrisiisu, achitti faaruu isaan gammachiittu akka faarsinu nu gaafatanee, «Faaruu marroo Xiyoonii keessaa takkattii faarsa’a» jedhane. 4 Lafa ormaa keessatti, nuuti attam faaruu Mootii Waan Maraa faarsuu dandeenna ree? 5 Ee Yerusaalem, yoo ani si dedhe, harki kiyya middichi ogummaa ifii dedhuu ti. 6 Yerusaalem, ani yoo si hin qaabatin, waan itti gammadu mara yoo si hin caalchisin, arrabi kiyya laagadaa kiyyatti goguu ti. 7 Ee Mootii Waan Maraa, guyyaa Yerusaalem diigante, worri Edoomii, «Diiga’a! Diiga’a! Haga hundee isi’iititti gad jissa’a!» attam akka isaan jedhane qaabadhu. 8 Ee Baabilonii diigantu! Waan ati nu irratti goote, ka deebisee si irratti godhu ka gammade. 9 Ka daa’immaan teeti qabee, rassaa irratti macalaasu ka gammade.
