Menu

Kitaaba Faaru'uu 134

TWF

1 Isin tajaajiltooti Mootii Waan Maraa marti, worri halkan Galma Mootii Waan Maraa keessa tajaajiltanu, Mootii Waan Maraa leellisa’a! 2 Addee Woyyittii keessatti harka keessan ol kaasa’aa, Mootii Waan Maraa leellisa’a! 3 Mootiin Waan Maraa ol-gubba’aa fi lafa dade, Xiyoon keessaa isin eebbisu ti!

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate