Menu

Kitaaba Faaru'uu 133

TWF

1 Kolbaan Waaqaa tokkumma’aan yennaa woliin leetu, attam attam dansa’a; attam attam nama gammachiisa! 2 Tokkummaan tun akka zayitii ejersaa ta gatii guddo’oo ta mataa irraa areeda irra gad yaatu, areeda Aaronii irra, haga handaara woyaa isaa gad yaatuu ti. 3 Tokkummaan tun akka fixeensa gaara Hermoonii, ka gaarota Xiyoonii irratti bu’uu ti; eebbi jiruu bara baraa achi irratti akka dhaggamu Mootiin Waan Maraa ajajeera.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate