Kitaaba Faaru'uu 118
TWF1 Inni dansaa waan te’eef, jaalala isaa ka bara baraatiif Mootii Waan Maraa galateessa’a. 2 Kolbaan Israa’elii, «Jaalalli isaa ka bara baraa ti» jettuu ti. 3 Sanyiin Aaronii, «Jaalalli isaa ka bara baraa ti» jettuu ti. 4 Worri Mootii Waan Maraa sodaatu, «Jaalalli isaa ka bara baraa ti» jedhuu ti. 5 Ani rakkinna kiyya keessatti gara Mootii Waan Maraa iyye; innille deebii naa kennee, bilisa na baase. 6 Mootiin Waan Maraa na woliin jira; ani hin sodaadhu; nami maan na godhuu dande’a? 7 Mootiin Waan Maraa na qarqaariisaaf na woliin jira; ani jinnana diinota kiyyaa hin dhagga. 8 Namatti addatiisaa mannaa, gara Mootii Waan Maraa baqatiisa woyya. 9 Qondaaltotatti addatiisaa mannaa, gara Mootii Waan Maraa baqatiisa woyya. 10 Gosi biyya adda addaa marti na marsane; ani ammoo maqaa Mootii Waan Maraatiin isaan balleesse. 11 Isaan gara maraan na marsane; ani ammoo maqaa Mootii Waan Maraatiin isaan balleesse. 12 Isaan akka kinniisaa na marsane; ammoo akka ibidda qore’ee dhaamane; ani maqaa Mootii Waan Maraatiin isaan balleesse. 13 Ani gara duubaa dhiibamee, jigiisa geye; Mootiin Waan Maraa ammoo na qarqaare. 14 Mootiin Waan Maraa jabeenna kiyyaa fi faaruu tiyya; inni fayyinna kiyya te’eera. 15 Qoonqoon gammadaatii fi injifanno’oo, dunkaanii worra balchootaa keessaa, «Harki Mootii Waan Maraa middichi hujii jadduu huje; 16 harki Mootii Waan Maraa middichi ol ka’e; harki Mootii Waan Maraa middichi hujii jadduu huje» jettu dhage’ante. 17 Ani hin le’a malee, hin du’u; waan Mootiin Waan Maraa hujelle hin odeessa. 18 Mootiin Waan Maraa jabeessee na adabeera; ammoo du’aaf dabarsee na hin kennine. 19 Akka ani ol seenee Mootii Waan Maraa galateeffadhuuf, balbala balchumma’aa naaf bana’a. 20 Tun balbala Mootii Waan Maraa ti; karaa balchooleen seenanu. 21 Ati waan naa dhageetteef, fayyinna kiyyalle waan naaf teeteef si galatteeffadha. 22 Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, dhakaa dhakaa mara caalaa barbaadamu te’e; 23 Tun hujii Mootii Waan Maraa ti; isiin ila teennalle’etti waan baasaa ti. 24 Guyyaan Mootiin Waan Maraa tolche kana; itti gammannee firinxiindhuu ti. 25 Ee Mootii Waan Maraa nu baasi; ee Mootii Waan Maraa nu milkeessi. 26 Maqaa Mootii Waan Maraatiin ka dhufu ka eebbifame; nuuti Galma Waaqaa keessaa isin eebbinna. 27 Mootiin Waan Maraa Waaqa; inni ifa nu’uuf isseera. Dameelee bisilee qabannee, jila bobbaanee, haga gaafota addee ciinca’aa dhandhuu ti. 28 Ati Waaqa kiyya; ani si galateeffadha; ati Waaqa kiyya; ani si saadadha. 29 Inni dansaa waan te’eef, jaalala isaa ka bara baraatiif Mootii Waan Maraa galateessa’a.
