Menu

Kitaaba Fakkeennaa 11

TWF

1 Mootiin Waan Maraa madaala sobaa jibba; dhakaa madaalaa ka sirrii te’etti gammada. 2 Koorri yennaa dhufu, salphinni hin dhufa; gad ifi qabiisaan ammoo qarummaan dhutti. 3 Worri qajeelaan komii dhabiisaan qajeelfaman; worri hin addatanne ammoo maltumma’aan badan. 4 Guyyaa mura’aa durummaan bu’aa hin qaddu; balchummaan ammoo du’a irraa si hamburti. 5 Worra komii hin qanne balachummaan karaa isaanii qajeelchiti; worri hamaan ammoo hammeennuma ifiitiin jiga. 6 Nama qajeelaa balchumma’atti isa baasa; worri hin addatanne ammoo halchuma ifii hantu’uun qabaman. 7 Nami hamaan yennaa du’u, addiin isaalle hin baddi; durummaan inni addatu womaa isaaf hin baatu. 8 Nami balchaan rakkoo jalaa hin baya; nami hamaan ammoo addee isaa rakkinnatti hin gala. 9 Nami hamaan dubbii afaan ifiitiin nama balleessa; nami balchaan beekkumsa ifiitiin baya. 10 Worra balcha’aaf yennaa milkoottu, kolbaan qacha’aa hin firinxiixi. Worri hamaan yennaa badu, isaan hin ilillisan. 11 Eebba worra balcha’aatiin qachaan tokko guddata; dubbii afaan worra hama’aatiin ammoo hin bada. 12 Nami qalbii hin qanne nama tuffata; nami qalbii qabu ammoo cadhi jedha. 13 Nami hamatu dhossaa eegee hin dande’u; nami addatamaan ammoo dhossaa eega. 14 Gorsitooti yoo hin jiraatin mootummaan takka hin jiddi; gorsitooti hedduun yoo jiraatte ammoo nageyaan jiraatti. 15 Nami alaga’aaf wobii te’u hin rakkata; nami wobii te’iisa jibbu ammoo nageyaan hin jiraata. 16 Dubartiin arjaan ulfinna hin dhaggatti; worri hunnaan nama irratti ka’u ammoo durummaa qofa dhaggata. 17 Gadhi-laafessi ifumaaf bu’aa dhaggatta; gadhi-jabeessi ammoo ifuma miidha. 18 Nami hamaan bu’aa isa sobu dhaggata; nami balchumma’aan huju ammoo gatii addachiittuu dhaggata. 19 Nami dhugumaan balchaa te’e jiru’uun hin le’a; nami waan hantuu ari’u ammoo hin du’a. 20 Mootiin Waan Maraa worra yaada micciirama’aa jibba; worra komii hin qannetti ammoo hin gammada. 21 Dhugumaan nami hamaan adoo hin adabamin hin hafu; worri balchaan ammoo adabbii jalaa hin baya. 22 Dubartiin shaggittiin qalbii hin qanne, akka qubee worqi’ii ta funnaan booyye’ee irra jirtuu ti. 23 Halchaan nama balcha’aa waan dansaa qofaan muummotti; halchaan nama hama’aa ammoo mufi’iin muummotti. 24 Nami gariin toluma karra ifii namaaf kenna; ammoo irra caalaa duroomaa deema; nami gariin akka malee donnooma; ammoo hiyyoommataatuma deema. 25 Nami arjaan hin durooma; nami dheebuu nama baasulle ifille’eef dheebuu hin baya. 26 Nama midhaan kuufatee tursu kolbaan hin abaarti; nami midhaan baasee gurguratu ammoo eebba dhaggata. 27 Nami waan dansaa jabaatee barbaadu, waan dansaa dhaggata; nami waan hantuu barbaadu ammoo waan hantuu dhaggatta. 28 Nami durummaa ifiititti addatu hin jiga; nami balchaan ammoo akka baala jiidha’aa hin bisila. 29 Nami maatii ifii rakkisu, harka duwwaa hin hafa; gowwaan tajaajilaa qaro’oo hin te’a. 30 Hujiin nama balcha’aa muka jiru’uu ti; nami barsiisee lubbuu namaa deebisu qaro’o. 31 Worri balchaan lafa irratti gatii hujii ifii akkuma dhaggatanu, worri Waaqa malee le’uu fi worri cubbaaleyyiille lafa irratti akkasuma gatii hujii ifii hin dhaggatan.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate