Menu

Kitaaba Fakkeennaa 10

TWF

1 Fakkeenni Solomoonii ka asii gad jiru: ilmi qaroon abbaa ifii gammachiisa; ilmi gowwaan haadha ifii gaddisiisa. 2 Qabeenni karaa hin malleen dhaggame bu’aa hin qabu; balchummaan ammoo du’a jalaa nama baatti. 3 Mootiin Waan Maraa worri balchaan akka beelotanu hin godhu; worra hamaa ammoo waan halchane akka isaan hin dhagganne hin godha. 4 Harki boosenni nama hiyyoonsa; harki jabaatee huju ammoo nama duroonsa. 5 Worri yenna’aan midhaan galfatu qaro’o; worri yennaa midhaan galfatiisaa rafu ammoo hin salphata. 6 Eebbi mataa balchootaa irra jira; worri hunnaan nama irratti ka’u dubbii dansa’aan hunnaan nama irratti ka’iisa ifii gollatan. 7 Yaadannoon nama balcha’aa eebbaaf hin teeti; maqaan nama hama’aa ammoo hin dedhama. 8 Nami gadhaa ifii keessatti qaro’oo seera fudhata; nami gowwaan dubbattichi ammoo gara badi’ii deema. 9 Nami haqaan ideemu nageyaan le’a; nami karaa micciiramaa gula deemu ammoo hin saaxilama. 10 Nami ilaan qiphifatu rakkinna fida; nami gowwaan dubbattichi ammoo gara badi’ii deema. 11 Afaan nama balcha’aa madda jiru’uu ti; worri hunnaan nama irratti ka’u ammoo dubbii dansa’aan hunnaan nama irratti ka’iisa ifii gollatan. 12 Jibbi lola kaasa; jaalalli ammoo yakkaa mara golla. 13 Qarummaan afaan qaroole’ee irra jirti; adabbiin ammoo dudda gowwoole’ee irra jirti. 14 Qarooleen beekkumsa tuulatti; dubbiin gowwa’aa ammoo badii fiddi. 15 Qabeenni dureeyyi’iif qachaa dalleya dhaka’aa qabu; hiyyummaan ammoo badii hiyyeeyyi’ii ti. 16 Gatiin eloo balcha’aa jiru’u; bu’aan nama hama’aa adabbi’i. 17 Nami gorsa fudhatu karaa jiru’uu namatti mudhisa; nami xixicha tuffatu ammoo karaa irraa nama milissa. 18 Nami jibba ifii dhoffatu dharaamessa; nami hamii odeessu gowwa’a. 19 Jechoota bacaa keessaa, cubbuun hin dhabantu; nami arraba ifii eegatu ammoo qaro’o. 20 Dubbiin nama balcha’aa akka meetii qullu’uu ti; yaadi nama hama’aa ammoo gatii hin qabu. 21 Afaan nama balcha’aa nama hedduu areera; worri gowwaan ammoo qalbii dhabiisaan du’a. 22 Eebbi Mootii Waan Maraa durummaa kenna; inni rakkinna isi’itti hin dabalu. 23 Nami gowwaan waan hantuu hujiisatti gammada; nami hubantii qabu ammoo qarumma’atti gammada. 24 Nama hamaa waan inni guddoo sodaatutti itti dhufa; nama balchaa ammoo waan inni guddoo halchutti isaaf kennama. 25 Hobonbolattiin yennaa kaatu, worra hamaa haxoottee dabarti; worri balchaan ammoo haga bara baraa jabaatee dhaabbata. 26 Wonni dhangaggowu ilkaan, aarrille ila akkuma rakkisu, nami booseyille nama isa ergatu rakkisa. 27 Mootii Waan Maraa sodaatiis jiruu dheeressa; woggaan nama hama’aa ammoo gabaaddu’u. 28 Addiin worra balcha’aa gammada; addiin worra hama’aa bu’aa hin qaddu. 29 Karaan Mootii Waan Maraa worra balcha’aaf gollaa jaddu’u; worra hantuu hujuuf ammoo badi’i. 30 Worri balchaan ijjumaa hin munyuuqu; worri hamaan ammoo lafa irratti hin hafu. 31 Afaan worra balcha’aa qarummaa dubbata; arrabi dubbii micciiru ammoo hin murama. 32 Afaan worra balcha’aa dubbii toltu beeka; afaan worra hama’aa ammoo micciiriisa qofa beeka.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate