Menu

Faarfannaa 61

BIB

1 Yaa Waaqi, iyyata koo dhagaʼi; kadhannaa koos dhaggeeffadhu. 2 Yeroo garaan koo citetti, ani handaara lafaatii sin waammadha; ati gara kattaa na caalaa ol dheeratuutti na geessi. 3 Ati iddoo ani itti kooluu galuudhaatii; fuula diina koo durattis gamoo jabaa dha. 4 Ani bara baraan dunkaana kee keessa jiraachuu, gaaddisa qoochoo keetii jalattis kooluu galuu nan hawwa. 5 Yaa Waaqi, ati wareega koo dhageesseertaatii; dhaala warri maqaa kee sodaatan argatanis naa kenniteerta. 6 Bara jireenya mootii, umurii isaa illee dhalootaa gara dhalootaatti dheeressi. 7 Innis fuula Waaqaa duratti bara baraan haa moʼu; akka jaalalli keetii fi amanamummaan kee isa eeganis godhi. 8 Anis faarfannaa galataa maqaa keetiif nan faarfadha; guyyuma guyyaanis wareega koo nan guuttadha.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate