Menu

Faarfannaa 57

BIB

1 Na maari; yaa Waaqa na maari; lubbuun koo sitti kooluu galtiitii. Anis hamma balaan darbutti, gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu nan gala. 2 Ani gara Waaqa Waan Hundaa Oliitti, gara Waaqa haaloo naa baasuutti nan iyya. 3 Inni samii irraa ergee na oolcha; warra akka malee na ariʼan ni ifata; Waaqni jaalala isaatii fi amanamummaa isaa ni erga. 4 Ani leencota gidduun jira; ani bineensota nama nyaatan, namoota ilkaan isaanii eeboo fi xiyyaa kanneen arrabni isaanii akka goraadee qaramaa gidduu ciiseera. 5 Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi; ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu. 6 Isaanis kiyyoo miilla kootiif kaaʼan; lubbuun koos dhiphinaan gad gogdeerti. Isaan karaa koo irratti boolla qotan; garuu isaanumattu keessatti kufe. 7 Yaa Waaqi, garaan koo hin raafamu; garaan koo hin raafamu; ani nan faarfadha; nan weeddisas. 8 Yaa lubbuu ko, dammaqi! Yaa kiraaraa fi baganaa dammaqaa! Anis ganamaan nan dammaqa. 9 Yaa Gooftaa, ani saboota gidduutti galata siif nan galcha; namoota gidduuttis waaʼee kee nan faarfadha. 10 Jaalalli kee guddaa dha; samiiwwanis gaʼaatii; amanamummaan kees samiiwwan qaqqaba. 11 Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi; ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate