Menu

Faarfannaa 54

BIB

1 Yaa Waaqi, maqaa keetiin na fayyisi; humna keetiinis naa murteessi. 2 Yaa Waaqi, kadhannaa koo naa dhagaʼi, dubbii afaan kootiis dhaggeeffadhu. 3 Keessumoonni natti kaʼaniiruutii; warri garaa namaa hin laafne lubbuu koo galaafachuu barbaadu; Isaanis warra Waaqaaf ulfina hin kenninee dha. 4 Kunoo, Waaqni gargaaraa koo ti; Gooftaan jiraachisaa lubbuu koo ti. 5 Hamminni warra maqaa na balleessanii isaanumatti haa deebiʼu; atis amanamummaa keetiin isaan balleessi. 6 Ani fedhii kootiin aarsaa siif dhiʼeessa; yaa Waaqayyo, ani maqaa kee nan galateeffadha; inni gaariidhaatii. 7 Inni dhiphina koo hundumaa keessaa na baaseeraatii; iji koos ol aantummaadhaan diinota koo of jalatti ilaaleera.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate