Menu

Faarfannaa 136

BIB

1 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii. Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 2 Waaqa waaqotaatiif galata galchaa. Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 3 Gooftaa Gooftotaatiif galata galchaa: Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 4 inni kophaa isaa dinqii gurguddaa hojjeta; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 5 inni ogummaa isaatiin samiiwwan uume; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 6 inni bishaanota irratti lafa diriirse; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 7 inni ifa gurguddaa hojjete; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 8 inni akka biiftuun guyyaa mootu godhe; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 9 inni akka jiʼii fi urjiiwwan halkan moʼan godhe; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 10 inni hangafa Gibxi dhaʼe; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 11 inni isaan gidduudhaa Israaʼelin baase; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 12 harka jabaa fi irree diriiraadhaan Israaʼelin baase; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 13 inni Galaana Diimaa iddoo lamatti gargarii qoode; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 14 inni galaana gidduudhaan Israaʼelin dabarse; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 15 Faraʼoonii fi loltoota isaa garuu Galaana Diimaatti naqe; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 16 inni saba ofii isaa gammoojjii keessa geggeesse; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 17 inni mootota gurguddaa dhaʼe; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 18 inni mootota jajjaboo fixe; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 19 inni Sihoon mootii Amoorotaa ajjeese; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 20 inni Oogi mootii Baashaan ajjeese; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 21 inni biyya isaanii dhaala godhee kenne; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 22 dhaala godhee garbicha isaa Israaʼeliif kenne; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 23 Inni yeroo nu gad deebinetti nu yaadate; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 24 inni harka diinota keenyaatii nu baase, Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 25 inni uumama hundaaf soora kenna; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 26 Waaqa samiitiif galata galchaa. Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate