Menu

Faarfannaa 133

BIB

1 Obboloonni tokkummaadhaan walii wajjin jiraachuun, akkam gaarii dha! Akkam namatti tolas! 2 Kun akka zayitii gatii guddaa kan mataa irratti dhangalaafamee, akka isa areeda irra gad yaaʼuu, areeda Aroon irra, morma uffata isaa irras gad yaaʼa ti. 3 Innis akkuma fixeensa Hermoon, kan Tulluu Xiyoon irra gad yaaʼuu ti. Achi irratti Waaqayyo hamma bara baraatti eebba isaa, jireenyas ajajeeraatii.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate