Menu

Faarfannaa 131

BIB

1 Yaa Waaqayyo, garaan koo of hin jaju; iji koos of hin tuulu; ani waan guddaa fi waan humna kootii ol taʼe keessa hin seenu. 2 Ani garuu lubbuu koo afaan qabachiiseera; calʼisiiseeras; akkuma daaʼimni harma haadha isaa guusan tokko haadhatti irkatee boqotu sana, akkuma daaʼima harma haadha isaa guusanii lubbuun koo na keessatti calʼiste. 3 Yaa Israaʼel, ammaa fi bara baraaf, Waaqayyoon abdadhu.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate