Menu

Faarfannaa 122

BIB

1 Yommuu isaan, “Kottu gara mana Waaqayyoo dhaqnaa” naan jedhanitti, ani nan gammade. 2 Yaa Yerusaalem, miilli keenya karrawwan kee irra dhaabata. 3 Yerusaalem akka magaalaa walitti maxxantee gobbatte tokkootti ijaaramte. 4 Kunis iddoo gosoonni, gosoonni Waaqayyo, akka sirna Israaʼeliif kenname sanaatti, maqaa Waaqayyoo galateeffachuuf itti ol baʼanii dha. 5 Teessoowwan murtii, teessoowwan mana Daawit achi dhaabatu. 6 Akkana jedhaa nagaa Yerusaalemiif kadhadhaa: “Warri si jaallatan nagaan haa jiraatan. 7 Dallaa kee keessa nagaan, masaraa mootummaa keetii keessa immoo tasgabbiin haa jiraatu." 8 Ani obboloota kootii fi michoota kootiif jedhee, “Nagaan si keessa haa jiraatu” nan jedha. 9 Mana Waaqayyo Waaqa keenyaatiif jedhee, ani akka wanni gaariin siif taʼu nan hawwa.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate