Menu

Faarfannaa 100

BIB

1 Lafti hundinuu Waaqayyoof ililchaa. 2 Gammachuudhaan Waaqayyoon waaqeffadhaa; faarfannaa gammachuutiinis fuula isaa duratti dhiʼaadhaa. 3 Akka Waaqayyo Waaqa taʼe beekaa; isattu nu uume; nu kan isaa ti; nu saba isaa ti; hoolota tika isaa jala jirruu dha. 4 Galateeffachuudhaan karrawwan isaa, jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa; isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa. 5 Waaqayyo gaariidhaatii; araarri isaa kan bara baraa ti; amanamummaan isaas dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate