Isaayyaas 21
BIB1 Raajii Gammoojjii Galaana bira jirtuun mormu: Akkuma bubbeen hamaan biyya kibbaa haxaaʼu sana, weeraraan tokko gammoojjiidhaa, biyya sodaachisaa keessaa ni dhufa. 2 Mulʼanni hamaan tokko natti mulʼateera: gantuun ni ganti; saamtuunis ni saamti. Yaa Eelaam, ol baʼi! Yaa Meedee marsii qabi! Ani aaduu isheen fidde hunda nan xumura. 3 Kana irratti dugdi na cite; akkuma dubartii ciniinsifattuu muddamni na qabe; ani waanan dhagaʼeen nan holladhe; waanan argeenis nan raafame. 4 Qalbiin koo ni raafame; sodaan na hollachiise; dimimmisni ani hawwe sun sodaatti na jalaa geeddarame. 5 Isaan maaddii qopheessu; afaa diriirsu; ni nyaatu, ni dhugu! Isin qondaaltonni kaʼaa; gaachanas zayitii dibaa. 6 Gooftaan akkana naan jedha: “Dhaqiitii eegduu tokko ramadi; innis waan argu haa himu. 7 Inni yommuu warra farda yaabbatan kanneen lama lamaan yaaʼan, warra harree yaabbatan yookaan warra gaala yaabbatan argutti, haa dammaqu; guutumaan guutuutti haa dammaqu." 8 Eegduun sunis akkana jedhee iyye; “Yaa gooftaa ko, ani guyyuma guyyaan qooxii eegumsaa irra nan dhaabadha; halkan hundas ani hojii koo irra nan tura. 9 Kunoo, warri farda yaabbatan, lama lamaan dhufaa jiru; inni akkana jedhee deebise: ‘Baabilon jigdeerti; jigdeerti! Fakkiiwwan waaqota ishee hundinuu burkutaaʼanii lafa dhaʼaniiru!’ “ 10 Yaa saba koo warra oobdii midhaanii irratti dhaʼamtan, ani waan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, Waaqa Israaʼel irraa dhagaʼe isinittin hima. 11 Raajii Duumaan mormu: Namni tokko Seeʼiirii na waamee, “Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe? Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe?” jedhe. 12 Eegduun sunis, “Bariʼuu gaʼeera; garuu deebiʼee dhiʼa. Yoo gaafachuu barbaaddan gaafadhaa; garuu deebiʼaa kottaa” jedhee deebisa. 13 Raajii biyya Arabaatiin mormu: Isin imaltoonni Dedaan kanneen bosona Arabaa keessa qubattan, 14 warra dheeboteef bishaan fidaa; isin warri Teemaa keessa jiraattan, baqattootaaf waan nyaatan fidaa. 15 Isaan goraadee jalaa, goraadee luqqifame jalaa, xiyya aggaamame jalaa, hoʼa waraanaa jalaa baqataniiruutii. 16 Gooftaan akkana naan jedhe: “Akkuma waggoota hojjetaa qaxaramaa tokkootti ulfinni Qeedaar hundinuu waggaa tokko keessatti ni dhuma. 17 Warra xiyya darbatan keessaa kanneen hafan, gootonni Qeedaar muraasa taʼu.” Waaqayyo Waaqni Israaʼel dubbateeraatii.
