Kitaaba Faaruu Solomoonii 8
TWF1 Ati adoo obboleessa kiyya ka harma haadha tiyyaa hodhe, naaf teetee, ani karaa irratti si dhaggee, adoo si sunqadhee jiraadhe, silaa eennulle na hin tuffatuuyyu. 2 Ani silaa gara mana haadha tiyyaa, ta na barsiittee si geessee, daadhii woyni’ii dansaa sii kennee, cunfaa midhaan muka rumaaniille si obaasaayyu. 3 Harki isaa bitaachi mataa kiyya jala adoo jiraataa; harki isaa middichi adoo na hanqafata. 4 Ee, dubartoota Yerusaalemii, jaalalleen kiyya haga inni fedhuma ifiitiin ka’utti, akka isa hin dammassine, ani isin kadhadha. 5 Ta jaalallee ifii qabattee, goomolee keessaa ol bayiisatti jirtu tun eennu? Waajibittii Ani muka appili’ii jalaa si kaase; haati teeti achitti ulfoottee, isiin achitti ciniinsifattee si deette. 6 Akka chaappa’aatitti gadhaa keeti keessatti, irree teeti irralle’etti na mallatteeffadhu. Jaalalli akka du’aa jabaata; hinaaffaalle akka boolla awwaalaa jabaatti. Bobeenni isi’ii akka bobe’a ibiddaa, ka tallisuu ti. 7 Bisaan guddaan ibidda jaalalaa dhaanfuu hin dande’u; lolaan haree hin dande’u. Nami tokko qabeenna mana ifii mara jaalalaaf yoo kenne, ijjumaa hin tuffatama. 8 Nuuti obboleettii diqqittii, guntuta hin baasin takka qanna. Guyyaa isii kadhatane, nuuti maan goona laati? 9 Adoo isiin dalleyaa dhaka’aa teetee, xelleephoo meeti’ii isii irratti hin ijaarra; adoo isiin balbala teetee, saanqaa hindheensaatiin hin cunna. 10 Ani dalleya dhaka’aa ti; harmi kiyya xelleephoo fakkaata; ani ila isaa duratti nama nageya isaaf fidu te’e. 11 Solomoon Ba’aal-Hamoon keessaa oorruu muka woyni’ii qabaayyu. Oorruu muka woyni’ii san worra eegutti kireesse; tokko tokkoon isaanii gatii midhaan woyni’iitiif, meetii kuma tokko tokko fidaniiyyu. 12 Oorruun muka woyni’ii tiyya, tiyyuma; ee Solomoon, ati kuma fudhadhu; worri oorruu muka woyni’ii eegulle dhibba lama fudhatuu ti. 13 Ee, ati ta oorruu keessa leetu, jaaloti tiyya qoonqoo teeti caqasiisatti jiran; anille qoonqoo teeti dhage’uu ti. 14 Jaalallee kiyya, dafii koy! Akka jiliba’aa yookiin akka ilmoolee gadansaa gaara uddowaan itti latu irraa utaalii koy!
